Finfinnee, Amajjii 5, 2014 (FBC)- Naannoo Oromiyaa Godina Arsii Lixaatti hojiiwwan misooma sululaa bara 2014 guyyaa har’aa aanaa Siraaroo Ganda Sheelloo Abbooreetti eegalee jira.
Itti gaafatamaan Waajjira Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa Godina Arsii Lixaa Dooktar Abdullaahii Beekaa, godinicha aanaalee 13 tti sululoota adda bahan 324 irratti hojjachuuf hojiitti galameera jedhan.
Hojiiwwan sululoota kanniin irratti hojjatamaniin lafa heektaara kuma 162 uwwisuuf kan hojjatamu ta’uus dubbataniiru.
Hojiin misooma damee kanaa akka milkaa’uuf ragaan tokkoon tokkoo sululoota qophaa’ee gara hojiitti akka galames kan ibsan.
Hojiiwwan misooma sululaa guyyoota 60 hojjataman irratti ummatni gidinichaa kumni 538 ol ni hirmaata jedhamee eegama jechuun Dooktar Abdullaahiin dubbatanii jiru.
Biqilaa Tufaatu gabaase
Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.