Naannoo Oromiyaatti hanqinni dhiyeessii akka hin mudanneef hojjetamaa jira

Finfinnee, Eebila 7, 2012 (FBC) – Ayyaana Hiikatti rakkoon dhiyeessii akka hin mudanneef hojjetamaa jiraachuu Eejansiin Misooma Gabaa Oromiyaa beeksise.

Rakkoo weerara Vaayrasii koroonaan wal qabatee manneen daldalaa daballii gatii taasisan kumni 5 fi 530 saamsamuu, 157 irratti tarkaanfiin seeraa fudhatamuu fi kuma 4 fi 199f ammoo akeekkachiifni laatamuu Hogganaan Eejansii Misooma Gabaa Oromiyaa Obbo Gammachiis Malaakuu miidiyaaleef ibsaniiru.

Eejansichi walitti hidhamiinsa gabaa uumuu, haala xinxaaluu fi daldala seeraan alaa to’achuurratti koreewwan hundeessuun hojii bal’aa hojjetaa jiraachuu himaniiru obbo Gammachiis.

Xaafiin kuntaalli tokkoo qarshii kuma 2 fi 800 irraa gara kuma 4tti guddatee ture yeroo ammaa murtii fudhatameen gara qarshii kuma 3 fi 600tti gadi bu’ee jira jedhan.

Gatiin Oomishaalee biroos akka Fooyya’u seektaroota fi qooda fudhattoota waliin qindoominaan hojjetamaa akka jiru eeraniiru.

Ayyaana Hiikaaf Yuuniyeenotaa fi waldaalee hojii gamtaa waliin ta’uun magaalaa Finfinnee dabalatee magaaloota birootti hanqinni dhiyeessii akka hin mudanneef hojjetamaa jiraachuu hogganichi himaniru.

Oomishaaleen kuduraa fi muduraa,akkasumas hanqinni dhiyeessii gabaa beelladaa magaaloota akka Adaamaa, Jimmaa fi kanneen biroo keessatti akka hin mudanneef haalli mijataa jira jedhan.

 

Comments (0)
Add Comment