Naannoo Oromiyaatti Guyyoota sadan kana keessatti deggersa maallaqaa Birrii 32,153,766 ol deggersaan gumaachame

Finfinnee, Sadaasa 6, 2013 (FBC) – Guyyoota sadan darban naannoo Oromiyaatti hiriirri balaaleffannaa murna juuntaa Wayyaanee fi deggersa gooticha Raayyaa Ittisa Biyyaatiif bahame.

Guyyoota sadan darban naannoo Oromiyaatti hiriirri balaaleffannaa murna juuntaa Wayyaanee fi ergamtoota ishee akkasumas deggersa gooticha Raayyaa Ittisa Biyyaatiif magaalota gurguddoo 19, godinaalee 18 fi aanalee 301 keessatti taasifamaa ture nagaadhaan guyyaa har’a xumura isaa argatee jira.

Hiriira taasifama ture kana irratti hirmaattotni fedha isaaniitiin gumaacha maallaqaa, horii qalmaa fi arjooma dhiigaa taasisuun aantummaa gooticha Raayyaa Ittisa Biyyaatiif qaban gochaan agarsiisanii jiru.

Guyyoota sadan kana keessatti qofa deggersa maallaqaa qarshii 32,153,766, sangoota 2,536, hoolaa fi re’ee 3,448 gaala 30 deggersaan gumaachanii jiru.

Hojiin deggersa walitti qabuu eegalame kana cimsanii itti fufsiisuuf waadaa galanii jiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa

Comments (0)
Add Comment