Naannoo Oromiyaatti gandoonni 1,263 barmaatilee miidhaa dubartootaa fi daa’immaniirraa bilisa ta’uu ibsame

Finfinnee, Adooleessa 7, 2013 (FBC) – Naannoo Oromiyaatti gandoonni kumni 1fi 263 barmaatilee miidhaa dubartootaa fi daa’immaniirraa bilisa ta’uu Biiroon Dubartootaa, Daa’immanii fi Dargaggootaa Oromiyaa beeksise.
Biiroon Dubartootaa,Daa’immanii fi Dargaggootaa Oromiyaa barmaatilee miidhaa Dubartootaa fi Daa’immaniirratti raawwii hojii waggaa tokkoo magaalaa Adaamaatti qorateera.
Qorannoo Raawwii kanarratti caasaaleen biirichaa aanaalee 17 godinaalee 6 hirmaataniiru.
Marii kanaan gaa’ila umrii malee fi Kittaanna shammarraniirratti ciminaa fi hanqinaaleen adda ba’aniiru.
Qaamoleen hundi walqixa hojjechuu dhabuu,hawaasni iddoo hundatti hubannoo walfakkaataa dhabuu, dhiyeessiin loojastiksii akka hanqina ijootti ka’aniiru jedhame.
Miidhaa Dubartootaa fi Daa’immanii hir’isuuf qindoomina caasaalee fi qaamolee hawaasaa garaa garaan hojjetamaa jiraachuu eerameera.
Keessattuu Mana hojii Dhimma Dubartootaa, Daa’immanii fi Dargaggootaa,manneen murtii, Abbootiin Alangaa,Fayyaa,hawaasummaa, barnoota,poolisii,Abbootii Gadaa fi Abbootiin amantaa qindoominaan hojjetaa jiru jedhameera.
Hojii jajjabeessaa hojjetameen bara kana gandoota Oromiyaa kuma1fi 263 barmaatilee miidhaa Dubartootaa fi Daa’immaniirraa bilisa ta’uu isaanii Biirichatti Daayreektarri Daayreektooreetii Sosochii fi hirmaannaa dubartootaa fi dargaggootaa, obbo Usmaan Ibiraahim himaniiru.
Hojii kana gandoota Oromiyaa hunda waliin ga’uuf qaamolee dhimmi ilaallatu waliin kan hojjetamu ta’uu himaniiru.
Akka OBN gabaaseetti waliigaltee ‘Rood-maappii’ dhabamsiisa barmaatilee miidhaa geessisanii bara Faranjootaa 2025 milkeessuuf qabame galmaan ga’uuf xiyyeeffannan kan hojjetamu ta’uu kaasaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment