Naannoo Oromiyaatti Gabaasa Qorannoo Sa’aa 24 Darbeetiin Namoonni dabalata 134 Vaayrasii Koroonaan Qabamuu Ibsame

Finfinnee, Hagayya 21, 2012 (FBC) – Naannoo Oromiyaatti gabaasa qorannoo sa’aa 24 darbeetiin namoonni 134 vaayrasii koroonaan qabamuu ibsame.

Naannichaatti sa’aa 24 darbeetiin qorannoo laabraatoorii namoota 4214 hojjetameen vaayrasichi namoota 134 irratti argamuu Biiroon Eeggumsa Fayyaa Oromiyaa beeksiseera.

Oromiyaatti hanga guyyaa kanaatti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaan qabamanii 5588 ga’eera.

Waliigala Lubbuun namoota 42 darbeera.

Nammoonni haaraan 101 vaayrasichaarra yoo dandamatan, hanga ammaatti namoonni 1682 dandamataniiru.

Namoonni 7 wallaansa cimaa keessatti argamu.

Yeroo ammaa vaayrasichi kan irra jiru namoota 3864 ta’uu biirichi ifoomseera.

Erga vaayrasichi gara Ityoophiyaa seenee hanga ammaatti naannoo Oromiyaatti qorannoon laabraatoorii namoota 120508 gaggeeffameera

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Comments (0)
Add Comment