Naannoo Oromiyaatti gabaasa qorannoo sa’aa 24 darbeetiin namoonni 325 vaayrasii koroonaan qabamuu ibsame

Finfinnee, Hagayya 16, 2012 (FBC) – Naannoo Oromiyaatti gabaasa qorannoo sa’aa 24 darbeetiin namoonni 325 vaayrasii koroonaan qabamuu ibsame.

Naannichaatti sa’aa 24 darbeetiin qorannoo laabraatoorii namoota 5441 hojjetameen vaayrasichi namoota 325 irratti argamuu Biiroon Eeggumsa Fayyaa Oromiyaa beeksiseera.

Oromiyaatti hanga guyyaa kanaatti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaan qabamanii 4468 ga’eera.

Waliigala Lubbuun namoota 41 darbeera.

Nammoonni haaraan 70 vaayrasichaarra yoo dandamatan, hanga ammaatti namoonni 1384 dandamataniiru.

Namoonni 5 wallaansa cimaa keessatti argamu.

Yeroo ammaa vaayrasichi kan irra jiru namoota 3,043 ta’uu biirichi ifoomseera.

Erga vaayrasichi gara Ityoophiyaa seenee hanga ammaatti naannoo Oromiyaatti qorannoon laabraatoorii namoota 100328 gaggeeffameera

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

Comments (0)
Add Comment