Naannoo Oromiyaatti gabaasa qorannoo sa’aa 24 darbeetiin namoonni 146 vaayrasii koroonaan qabamuu ibsame

Finfinnee, Hagayya 26, 2012 (FBC) – Naannoo Oromiyaatti gabaasa qorannoo sa’aa 24 darbeetiin namoonni 146 vaayrasii koroonaan qabamuu ibsame.

Naannichaatti sa’aa 24 darbeetiin qorannoo laabraatoorii namoota 2685 hojjetameen vaayrasichi namoota 146 irratti argamuu Biiroon Eeggumsa Fayyaa Oromiyaa beeksiseera.

Oromiyaatti hanga guyyaa kanaatti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaan qabamanii 6447 ga’eera.

Sa’aa 24 darbeetti vaayrasichaan lubbuun namoota 2 yoo darbu, waliigala Lubbuun namoota 47 darbeera.

Nammoonni haaraan 132 vaayrasichaarra yoo dandamatan, hanga ammaatti namoonni 2,085 dandamataniiru.

Namoonni 6 wallaansa cimaa keessatti argamu.

Yeroo ammaa vaayrasichi kan irra jiru namoota 4315 ta’uu biirichi ifoomseera.

Erga vaayrasichi gara Ityoophiyaa seenee hanga ammaatti naannoo Oromiyaatti qorannoon laabraatoorii namoota 137247 gaggeeffameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Comments (0)
Add Comment