Naannoo Oromiyaatti gabaasa qorannoo sa’aa 24 darbeetiin namoonni 132 vaayrasii koroonaan qabamuu ibsame

Finfinnee, Sadaasa 4, 2013 (FBC) –Naannoo Oromiyaatti gabaasa qorannoo sa’aa 24 darbeetiin namoonni 132 vaayrasii koroonaan qabamuu ibsame.

Naannichaatti sa’aa 24 darbeetiin qorannoo laabraatoorii namoota 871 hojjetameen vaayrasichi namoota 132 irratti argamuu Biiroon Eeggumsa Fayyaa Oromiyaa beeksiseera.

Oromiyaatti hanga guyyaa kanaatti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaan qabamanii 17,178 ga’eera.

Lubbuu namoota3 yoo darbu,waliigala Lubbuun namoota 168 darbeera.

Namoonni haaraan 80 vaayrasichaarra yoo dandamatan, hanga ammaatti namoonni 11268 dandamataniiru.

Namoonni 21 wallaansa cimaa keessatti argamu.

Yeroo ammaa vaayrasichi kan irra jiru namoota 5742 ta’uu biirichi ifoomseera.

Erga vaayrasichi gara Ityoophiyaa seenee hanga ammaatti naannoo Oromiyaatti qorannoon laabraatoorii namoota 221492 gaggeeffameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Comments (0)
Add Comment