Naannoo Oromiyaatti Dhibee Busaa ittisuuf Agoobarri miiliyoonni 7.1 raabsame

Finfinnee, Mudde 14, 2016 (FBC) – Naannoo Oromiyaatti Dhibee Busaa ittisuuf Agoobarri miiliyoonni 7.1 raabsamuu Biiroon Fayyaa naannichaa beeksise.

Lammiilee miiliyoona 1.9 ta’aniif mana manarra deemuun hojiin qorannoo fi hubannoo cimsuu raawwatamuu biirichatti Daayrektarri Barnootaa fi Kominikeeshinii Siister Saa’aadaa Ahimad ibsaniiru.

Godinaalee weerarri dhibichaa itti babal’ate Godinaalee Wallaggaa Arfan, Buunnoo Beddellee, Jimmaa, Shawaa Bahaa fi bakkeewwan birootti tatamsa’ina isaa hir’isuuf hojiileen garaagaraa hojjetamuu ibsaniiru.

Waliigala Agoobarri miiliyoonni 7.1 ol raabsamuu dubbataniiru.

Godinaalee 9, aanaalee 42, gandoota 419 fi manneen jireenyaa kuma 355 irratti hojiin hubannoo uumuu hojjetamuu eeraniiru.

Taarik Addunyaatu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment