Naannoo Oromiyaatti barattoonni miiliyoonni 5.3 fayyadamoo tajaajila nyaataa ta’an – BBO

Finfinnee, Amajjii 29, 2016 (FBC) – Naannoo Oromiyaatti bara barnootaa kana barattoonni miiliyoonni 5.3 fayyadamoo tajaajila nyaataa ta’uu Biiroon Barnootaa naannichaa beeksise.

Bara barnootaa kana sagantaa idileen duraa hanga sadarkaa 2ffaatti barattoonni miiliyoonni 11.5 barnoota isaanii hordofaa jiraachuu biirichatti Daayrektarri karooraa fi qophii Baajataa Obbo Hasan Indiriis ibsaniiru.

Yeroo ammaa barattoonni miiliyoonni 5.3 fayyadamoo sagantaa nyaata manneen barnootaa ta’uu isaanii Obbo Hasan Faanaa Biroodkaastiing Korporeetiif himaniiru.

Malaakuu Gadiftu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment