Naannoo Oromiyaatti bara kana projektoonni Invastimantii kumni 3 fi 588 murtaa’uun gara hojiitti seenuu ibsame

Finfinnee, Gurraandhala 10, 2014 (FBC)- Naannoo Oromiyaatti bara 2014 qofatti projektoonni Invastimantii kumni 3 fi 588 murtaa’uun gara hojiitti seenuu Biiroon Invastimantii fi Indaastirii Oromiyaa ibseera.

Projektoota Invastimantii bara kana akka Oromiyaatti murtaa’an kuma 3 fi 588 keessaa projektoonni kumni 1 fi 179 Abbootii qabeenyaaf kan laataman ta’uu biirichi ibseera.

Kanneen hafan ammoo Qonnaan Bultootaa fi Horsiisee bultootaaf laatamaniiru.

Guyyaa har’aa Biiroon Invastimantii fi Indaastirii Oromiyaa Haala waliigalaa waliigaltee projektoota Invastimantii irratti abbootii qabeenyaa waliin mata duree “Waliigaltee keenya kabajuun Invastimantii Naannoo keenyaa haa milkeessinu” jedhuun magaalaa Adaamaa galma Abbaa Gadaatti marii gaggeessaa jira.

Biiroon Invastimantii fi Indaastirii Oromiyaa Abbootiin qabeenyaa waliigaltee raawwatan turtii baatiwwan 6 keessatti hatattamaan gara hojiitti akka seenaan hubachiiseera.

Abbootii qabeenyaa hatattamaan gara hojiitti hin seenne eeyyamni isaanii haqamuu akka malullee himeera.

Akka naannoo Oromiyaatti projektoonni Invastimantii kumni 17 fi 730 ol yeroo ammaa hojii keessa jiraachuu biirichi beeksiseera.

Yaaddessaa Geetaachootu gabaase.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

 

Comments (0)
Add Comment