Naannoo Oromiyaatti Abbootii qabeenyaa kuma 3 fi 747’f eeyyamni invastimantii kenname

Finfinnee, Hagayya 4, 2016 (FBC)-Bara 2016 Naannoo Oromiyaatti abbootii qabeenyaa kuma 3 fi 747’f eeyyamni invastimantii kennamuu Biiroon Indaastirii fi Invastimantii naannichaa beeksise.

Waltajjiin Sosochii Invastimantii Oromiyaa gaggeeffamaa jira.

Waltajjicharratti Hogganaan Biirichaa Obbo Ahimad Idiriis akka jedhanitti, Naannoo Oromiyatti abbootiin qabeenyaa dameewwan invastimantii garaagaraarratti akka bobba’aniif hojiilee bal’aan gaggeeffamaa jiru.

Bara baajataa 2016 abbootiin qabeenyaa biyya keessaa fi alaa hojiilee invastimantiirratti bobba’uuf fedhii qaban dabaluu kaasaniiru.

Haaluma kanaan kaappitaala Birrii biiliyoona 147 ol kan galmeessan abbootii qabeenyaa kuma 3 fi 747’f eeyyaamni invastimantii kennamuu himaniiru.

Damee kanaanis lammiilee kuma 579’f carraan hojii uumamuu kan eeran Obbo Ahimad, sharafa alaan oomishaalee alarraa galan biyya keessatti oomishuun bu’aaleen argaman olaanaa ta’uu dubbataniiru.

Naannichi qabeenyaa hojiilee invastimantii bal’aaf oolaniin waan badhaadheef abbootiin qabeenyaa hojiilee invstimantiirratti akka bobba’an waamicha dhiyeessaniiru.

Malaakuu Gaddiftu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment