Naannoo Oromiyaa fi Kibbaatti barattoota barnoota adda kutan barnootaatti deebisuuf qooda fudhattoota waliin mari’atamaa jira

Finfinnee, Fulbaana 4, 2014 (FBC) – Naannoo Oromiyaa fi Kibbaatti barattoota sababoota garaagaraan barnoota adda kutan barnootaatti deebisuuf qooda fudhattoota waliin mari’atamaa jiraachuu himameera.
Dhaabbanni tola oolaa ‘Immaajin Waan Day’ jedhamuun naannoo Oromiyaa fi Kibbaatti barattoota sababoota garaagaraan barnoota isaanii adda kutan kuma 21 ol gara barnootaatti deebisuu akkasumas uwwisa fi qulqullina barnootaa mirkaneessuuf hojiin hojjetanaa jiru olaanaa ta’uu Ministir Deettaan Ministeera Barnootaa Dooktar Garramoo Hulluuqaa ibsaniiru.
Proojektiin ‘mana kootti’ jedhamu naannoo Oromiyaa Godinaalee 6 aanaalee 10 keessatti daa’immaan kuma 15, naannoo Kibbaa Godina Koonsoo aanaalee 3 keessatti daa’imman kuma 6 fi 750 waliigala naannolee lamaan keessatti daa’immaan kuma 21 fi 775 gara barnootaatti deebisuuf hojjetamaa jiraachuu ibsameera.
Dhaabbanni tola oolaa ‘Immaajin Waan Day’ hojii kanaaf Birrii miiliyoona 80 ramaduu himameera.
Proojektii ‘mana koo ’ baatii 10 hojiirra kan oolu ta’uu OBN gabaaseera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment