Naannoo Oromiyaa fi Amaaraatti miidhaa hoomaan Awwaannisaa qaqqabsiisu hir’isuuf hojjetamaa jira jedhame

Finfinnee, Eebila 17, 2012 (FBC) – Naannoo Oromiyaa fi Amaaraatti miidhaa hoomaan awwaannisaa oomisha Arfaasarraan ga’u hir’irsuuf hojjetamaa jiraachuu himame.

Naannoo Oromiyaa Gammoojjii Baalee fi Booranaatti hoomaan Awwaannisaa mudachuu isaatiin oomisha Arfaasaa akka hin miineef mala aadaa fi ammayyaan hojiin ittisuu hojjetamaa jiraachuu Biiroon Qonnaa fi Qabeenyaa Uummamaa naannichaa beeksiseera.

Naannichaatti iddoolee hoomichi itti muul’ate 8 adda baasuun hojiin ittisuu hojjetamaa jiraachuu hogganaan Biiroo Qonnaa fi Qabeenyaa Ummaamaa Oromiyaa obbo Dhaabaa Dabaleen himaniiru.

Hoomaa kana ittisuuf koreen dhaabbatee socha’aa jiraachuus ibsaniiru.

Naannoo Amaaraattis aanaalee 38 keessatti lafa heektaara kuma 33 fi 742 irratti hoomaan awwaannisaa mudachuu hogganaan Biiroo Qonnaa naannoo Amaaraa Dooktar Mallas Makkoonnin dubbataniiru.

Godina Walloo Kaabaa fi Kibbaattti, akkasumas Goondar Kaabaatti hoomaan kun bal’inaan muul’achuu Dooktar Mallas himaniiru.

Yeroo ammaa miidhaa hoomaan kun qaqqabsiisuu hir’isuuf hojjetamaa jiraachuu himaaniiru.

Naannoolee kanneenitti hojii hoomaa awwaannisaa ittisuun cinaatti hawaasni qonnaan bulaa weerara vaayrasii koroonaarraa akka of eegu hojiin hubannoo uumuu hojjetamaa jiraachuu hoggantoonni kunneen ibsaniiru.

Zuufaan Kaasahuuntu gabaase.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

 

Comments (0)
Add Comment