Naannoo manneen barnootaatti dhiibbaa manneen daldala dhugaatii ittisuuf hojjetamaa jira

Finfinnee, Amajjii 13, 2013 (FBC ) – Naannoo manneen barnootaatti dhiibbaa manneen daldala dhugaatii ittisuuf hojjetamaa jiraachuu Biiroon Barnoota Magaalaa Finfinnee ibseera.
Biirichi barattoota naamusa garii qaban uumuuf haalota dandeessisan irratti qaamolee dhimmi ilaallatu waliin mari’ateera.
Itti aanaan biirichaa obbo Addisuu Shaanqoo, barattoota naamusa gaarii qaban horachuuf qaamolee dhimmi ilaallatu waliin hojjetamaa jira jedhaniiru.
Barattoota naamusa gaarii qaban horachuufis deeggarsii fi hirmaannaan maatiin, dhaabbilee barnoota, barsiisootaa fi qaamolee biroon murteessaa ta’uu himaniiru.
Naannolee manneen barnootaatti hojiiwwan burjaajessaa raawwataman ittisuu, barattoonni hojii badiif akka hin saaxilamnee fi dhaloota naamusaa gaarii qabu uumuuf qaamolee dhimmi ilaallatu waliin walii galteen mallateeffameera.
Biirichi waliigaltecha kan mallateesse keessaa yuunvarsiitii Kotobee Meetroopaalitaan,Ministeera Barnoota, Eejansii qormaatilee biyyoolessaa fi koreen dhaabbii damee hawaassummaa bulchiinsa magaalicha keessaatti argamu.
Maddi:-TOI
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment