Finfinnee, Sadaasa 11, 2014 (FBC)- Naannoo Uummattoota Kibbaatti shakkamtoonni kuma 1 fi 63 to’annaa jala ooluu Biiroon Nageenyaa fi Tasgabbii Naannoo Uummattoota Kibbaa beeksise.
Shakkamtoota kanneen wajjiin shuguxii fi Kilaashinkoovii dabalatee meeshaaleen waraanaa hedduun qabamuu sadarkaa Itti aanaa Preezdaantiitti Qindeessaan damee Bulchiinsa Gaarii fi hoogganaan Biiroo nageenyaa fi Tasgabbii naannichaa obbo Alamaayyahu Baawuddii ibsaniiru.
Dabalataanis Birriin miiliyoona 4 fi kuma dhibba 5 ol to’atamuu kaasaniiru.
Hanga nageenyi biyyaa mirkanaa’utti hundi naannoo isaa dammaqinaan eeguu akka qabu waamicha dhiyeessaniiru.
Taammiraat Bishawuutu gabaase.
Naannoo keessaan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com
/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.