Naannoo Kibbaatti piroojektoonni Birrii miiliyoona 679’n ijaaraman eebbisiifaman

Finfinnee, Sadaasa 5, 2015(FBC)- Naannoo Uummattoota Kibbaatti piroojektoonni baasii Birrii miiliyoona dhibba 6 fi miiliyoona 79’n ijaaraman eebbisiifamuu Biiroon Leenjii Barnoota  Teekinikaafi Ogummaa naannichaa beeksise.

Piroojektiiwwan naannichatti ijaaramanii xumuraman 12 keessaa Koolleejjiin Konistiraakshiniifi Industiriyaal magaalaa Xabalaa tokko ta’uu eerameera.

Kolleejjichi baasii Birrii miiliyoona 61’n ijaaramuu Hogganaan Biiroo Leenjii Barnoota  Teekinikaafi Ogummaa naannichaa Dooktar Indaalkaachoo Geetaachoon ibsaniiru.

Kolleejjichi tajaajila kennuu akka eegaluufi sosochii hawaasaan galteen  akka guutamuuf hoggansi  hojjechuu akka qabu dhaamaniiru.

Mootummaan naannichaa humna namaa gahaa guutuuf qophii ta’uu ibsuusaanii ragaan kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment