Naannoo Kibbaatti Murtoo fi kallattii Yaa’ii Paartii Badhaadhinaa 1ffaan darbee fi haala yeroorratti mariin gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Bitootessa 14, 2014 (FBC) – Naannoo Kibbaatti Murtoo fi kallattii Yaa’ii Paartii Badhaadhinaa 1ffaan darbee fi haala yeroorratti ummata waliin magaalaa Aarbaa Mincitti mariin gaggeeffamaa jira.
Marii kanarratti Preezdaantii Naannoo Ummattoota Kibbaa obbo Ristuu Yirdaaw, Ministira Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaa dabalatee hoggantoonni godina Gaamoo fi hawaasni naannawaa magaalaa Aarbaa Minci argamuu ibsameera.
Kaayyoon waltajjii kanaa gaaffii ummataa dhaggeeffachuu fi dhimmoota ijoo murtoo Yaa’ii Paartii Badhaadhinaa ummataaf iftoomina uumuu ta’uu ibsameera.
Marii murtoo fi kallattii yaa’ichaarratti mari’achuun waliigaltee waloo uumuuf qophaa’e ta’uu ibsameera.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment