Finfinnee, Eebla 2, 2015 (FBC)- Naannoo Kibbaatti hojiin humna addaa irra deebiin gurmeessuu hojjetamaa jiraachuu Komishiniin Poolisii naannichaa beeksise.Bu’uura caaseffama gurmaa’iinsa humna addaa mootummaan qoratameen hojiin humna addaa naannichaa irra deebiin gurmeessuu hojjetamaa jiraachuu Komishinarri Komishinii Poolisii naannichaa Alamaayyoo Maammoon ibsuu TOI gabaaseera.
Humni addaa naannichaa sadarkaa sabaafi naannootti gurmaa’ee turuun isaa hojii idilee poolisii miidhuu eeraniiru.
Miseensonni humna addaa naannichaa bu’uura filannoo kaa’ameen fedhiifi filannoo isaaniin gurmaa’aa jiraachuu ibsaniiru.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.