Naannoo kibbaatti dhaabbilee daldalaa 216 irratti tarkaanfiin fudhatame

Finfinnee, Bitootessa 10, 2012 (FBC) – Naannoo kibbaatti dhaabbilee daldalaa 216 irratti tarkaanfiin fudhatame.

Sababa vaayrasii koroonaan waliin walqabatee dhaabbilee daldalaa daballlii gatii taasisanirratti tarkaanfiin fudhatamuu Birroon Daldalaa fi Misooma Gabaa Naannoo Kibbaa beeksise.

Hoggantuun Birroo Daldalaa fi Misooma Gabaa Naannoo Kibbaa aadde Hikmaa Kayradiin akka ibsanitti vaayrasiin koroonaa gara biyyaa galuun walqabatee daballiin gatii hin barbaachifne muldhachuu himaniiru.

Qaamolee daballii gatii taasisan to’achuuf koreen hundaa’uu ibsaniiru.

Bu’uuruma kanaan manneen daldalaa, nyaataa, gaazii fi manneen baabura midhaan daakan walumaagalatti dhaabbilee daldalaa 216 irratti tarkanfiin barsiisaa ta’e fudhatamuu ibsaniiru.

 

Comments (0)
Add Comment