Naannoo Kibbaa godinaalee 5tti talaalliin pooliyoo duulan kennamuufi

Finfinnee, Muddee 7, 2012 (FBC) – Naannoo Kibbaa godinaalee 5tti talaalliin pooliyoo duulan kennamuufi.

Biiroon Fayyaa naannichaa ibsa laaten akka beeksisetti, dhibeen pooliyoo fakkaatu naannoo Oromiyaa godina Arsii Lixaa aanaa Siraarootti muul’ateera.

Toorri kunis nananichaaf daangaa waan ta’eef talaallichi godinaalee Kibbaa 5 keessatti aanaalee argaman 12tti ni laatama jedheera.

Talaallichi Jimaata; Muddee 10,2012 eegalee daa’imman umriin isaanii waggaa 5 gadi ta’eef ni laatama.

Marsaa jalqabaatin godina Hadiyyaa, Kambaataa Xanbaaroo, Halaabaa, Sidaamaa fi Walaayittaatti kennama.

Kananais talalalichi daa’imman kuma dhibba 1 fi kuma 76f laatama jedheera biirichi.

Marsaa lammaffaatin ammoo godina Sidaamaa jalatti aanaalee argamanii fi magaalaa Hawaasaatti ni kennama.

Arsii Lixaa aanaa Siraarootti dhibeen pooliyoo fakkaatu daa’imman 24 irratti muul’achuun ibsameera.

Dula talalalii ittisaa fi to’annoo pooliyoo kanarratti naannon Oromiyaa fi Kibbaa qindoominaan hojjechaa jiraachuun eerameera.

Comments (0)
Add Comment