Finfinnee, Fulbaana 3, 2014 (FBC)- Naannoo Kibbaa lammiilee nagaa naannoo Affaar sababa waraanaa gareen shororkeessaa ABUT qaqqabsiiseen buqqa’aniif deeggarsa Birrii miiliyoona 25 naannoo Affaariif taasiseera.
Deeggarsicha itti aanaa preezdaantiin naannoo Kibbaa obbo Ristuu Yirdaaw preezdaantiin naannoo Affaar obbo Awwal Arbaaf laataniiru.
Obbo Ristuu dabalatee hogganaan paartii badhaadhinaa naannoo kibbaa Obbo Xilaahuun Kabbadaa akkasumas hoggantoonni olaanoo naannichaa naannoo Affaar Magaalaa Samaraa galuun isaanii ni yaadatama.
Alii Shumbabaahirtu gabaase
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.