Naannoo Horsiisee Bulaatti waggoottan afran darbaniif roobuu dhabuu isaan hawaasni rakkoo hamaaf saaxilame –BMJHBO

Finfinnee, Amajjii 24, 2015 (FBC) – Naannoo Horsiisee Bulaatti waggoottan afran darbaniif roobuu dhabuu isaan hawaasni rakkoo hamaaf saaxilamuu Biiroon Misooma Jallisii fi Horsiisee Bulaa Oromiyaa beeksise.

Godinaalee Booranaa fi Gujii Lixaatti waggoottan afran darbaniif hongeen muudachuu isaan hawaasni horsiisee bulaa godinaalee kanneenii rakkoo hamaaf saaxilamuu Biirichatti Daayreektarri Qorannoo fi Qo’annoo Jiruuf Jireenya Hawaasa Horsiisee Bulaa Obbo Katamaa Urgaa himaniiru.

Baroota 2014 fi 2015 keessa walitti aansuun roobuu dhabuu isaan hawaasa horsiisee bultootaa irratti rakkoo guddaa uumuu dubbataniiru.

Godinaalee kanneen keessatti beeyiladoonni hedduun du’uu kaasaniiru.

Nyaata horii dhiyeessuuf baasiin geejjibaa qormaata guddaa ta’uu eeruun,qaamni dhimmi ilaalatu hundi deeggarsa akka taasisan gaafachuu EBCn gabaaseera.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment