Naannoo Hararitti sagantaan Tola Ooltummaa Gannaa eegale

Finfinnee, Caamsaa 23, 2016 (FBC) – Naannoo Hararitti sagantaan Tola Ooltummaa Gannaa Dargaggoota Tola Oltoota kuma 43 hirmaachise eegale.
Pireezidaantiin Naannoo Hararii Obbo Ordiin Badrii fi Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhina Damee Harari Obbo Geetuu Wayyeessaa fi qondaltoonni naannicha biroon saganticha eegalchisaniiru.
Sagantaa tola Ooltummaa kannarratti barattoonni Dhaabbiilee Barnoota Olaanoo fi sadarkaa 2ffaa akkasumas dargaggoonni kutaalee hawaasa garagaraarraa walitti babba’an kumni 43 ol kan hirmaatan ta’uu ibsameera.
Tola Ooltoonni kunneen tajaajiloota kanneen akka Sagantaa Ashaara Magariisaa, manneen harka qalleeyyii haaromsuu, dhiigaa arjoomuu fi kanneen biroorratti kan hirmaatan ta’un ibsamuu TOI gabaaseera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment