Naannoo Hararitti Qamadiin lafa hektaara 470 ol irratti misoomaa jira jedhame

Finfinnee, Onkololeessa 2, 2016 (FBC) – Naannoo Hararitti Qamadiin lafa hektaara 470 ol irratti misoomaa jiraachuu Biiroon Qonnaa naannichaa beeksiiseera.

Naannichatti yeroo 2ffaaf qamadii oomishuun itti fufeera.

Naannoo Hararii Aanaa soofitti lafti hektaarri 200 oomisha Qamadiin uwwifamu Itti Aantuun Pireezidaantii fi Itti Gaafatamtuun Biiroo Qonnaa naanichaa Aadde Misiraa Abdallaan ibsaniiru.

Wabbii midhaan nyaata mirkaneessu,carra hojii uumuu fi galii qonnaan bulaa guddisuurratti xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.

Oomishaa fi Oomishtummaa qonnaan bultootaa dabaluuf sanyii filatamaa, xaa’oo, Qorichi farra aramaa fi waagiin dhiyaachuu dubbataniiru.

Misiru Turiitu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment