Finfinnee, Bitootessa 2, 2016 (FBC) – Naannoo Harariitti weerara dhibee koleeraa muudate to’achuuf hojjetamaa jiraachuu Biiroon fayyaa naannichaa beeksise.
Yeroo ammaa naannichatti mallattoon dhibee koleeraa mul’achuu hogganaan Biiroo fayyaa naannichaa Obbo Yaasiin Abdullaahii ibsaniiru.
Hojiileen dhibicha ittisuu fi to’achuuf dandeessisan hojjetamaa jiraachuu himaniiru.
Biiroon Fayyaa Hospitaala Jugalii fi buufataalee fayyaa aanaalee naannichaa hundatti koreen ittisa dhukkubichaa hundaa’uun xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu beeksisaniiru.
Guyyoota sadan darban keessa dhukkubsattoonni dhibee kanaan qabamanii gara dhaabbilee fayyaa dhufan 60 lubbuun namoota 3 darbuu eeraniiru.
Namoonni mallattoon dhibee kanaa irratti mul’ate saffisaan gara buufata fayyaa deemuun yaalamuu akka qaban dhaamuu ragaan Biiroo Kominikeeshinii naannicharraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.