Naannoo Harariitti Waldaan Artistoota Oromoo Hundaa’e

Finfinnee, Hagayya 16, 2013 (FBC) – Naannoo Harariitti Waldaan Artistoota Oromoo Hundaa’eera.

Sirna Hundeeffama waldaa Artistoota Oromoo kanarratti Itti Aanaa Biiroo Aadaa fi Turiziimii Naannoo Hararii obbo Milkeessaa Ahmad , hooggantoonni naannichaa biroo fi Artistoonni gameeyyiin dacheen Afran Qalloo biqilchite hedduun argamaniiruu.

Itti Aanaa hogganaan Biiroo Aadaa fi Turiziimii Naannoo Hararii obbo Milkeessaa Ahmad dacheen Afran Qalloo Artisoota gameeyyii biqilchuun Aartii oromoof bu’uura guddaadha kana seenaanis hin dagatu jedhan.

Waldaan Artistoota Oromoo akka naannoo Harariitti hundeeffamuun Aartii Oromoo cimsuuf ga’ee guddaa qabaachuu ibsaniiru.

Waldaa kana hawaasni hundi waan qabuun tumsuu akka qabu fi Biiroon Aadaa Turiziimii Naannoo Hararii deeggarsa kan taasiisu ta’uu itti Aanaan Biirichaa obbo Milkeessaa Ahmad himaniiruu .

Aartii Oromoo ifatti baasuuf kaleessa yeroo rakkootti kuun lubbuu itti dhabee, kuun immoo lafee itti cabeera jedhaan Aartiistoonni sirnicharratti hirmaatan.

Dhaloonni har’aa firii Aartii kaleessa ija itti godhuuf carraaqqiin godhamaa jiru Oromoo hunda kan boonsuudha jedhan.

Dacheen Afran Qalloo Artistoota gameeyyii kanneen akka Dr. Kabajaa Alii Birraa, Art Usmaayyoo Muussaa, Art Musxafaa Abdii, Art Elemoo Alii, Muhammad Xawwil fi kanneen biroo gumaachitus Aartiin ona Afran Qalloo akka barbaadametti hin guddanne jedhan Artistiitoonni kunneen.

Walitti qabaan Waldaa Artistoota Oromoo Naannoo Hararii Dargaggoo Eeliyaas Ahmad Aartii Oromoo kaleessa lubbuun namoota qaalii hedduu itti dhabne dhaloonni har’aaa itti cichee fuulduratti tarkaanfachiisuu dirqama keenya jedhan.

Nageessoo Kadirtu gabaase.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment