Naannoo Harariitti shakkamtoonni 17 miidhaa qaqqabsiisuuf qophaa’aa turan meshaalee waraanaa waliin to’ataman

infinnee, Sadaasa 9, 2013 (FBC) – Naannoo Harariitti shakkamtoonni 17 miidhaa qaqqabsiisuuf qophaa’aa turan meshaalee waraanaa waliin to’ataman.

Naannoo Hararii aanaa Hakimitti shakkamtoonni 17 miidhaa qaqqabsiisuuf qophaa’aa turan, meshaalee waraanaa fi meeshaalee biroo waliin to’atamuu waajjiri poolisii aanichaa beeksiseera.

Hogganaan waajjira poolisii aanichaa Itti Aanaan Komandaraa Naasir Kadir akka ibsanitti shakkamtoonni 17 aanichatti miidhaa qaqqabsiisuuf qophaa’aa turan, meshaalee waraanaa fi meeshaalee biroo waliin akka to’ataman ta’eera.

Mana murtii irra ajaja baasuun qaamoleen nageenyaa fi bulchiinsi aanichaa waliin ta’uun manneen jireenyaa shakkamtoota 5 sakatta’insa taasisuun meeshaaleen waraanaa hedduun to’atamuu ibsaniiru.

Fuullee dirree waraanaa, qunnamtii raadiyoo, meshaalee meeshaa waraanaa itti qabatan, SIM kaardii 20 ta’an, meeshaalee yaalaa dirree waraanaa to’atamuus himaniiru.

Dabalataan waraqaa eenyummaa gara garaa, herreega baankii fi cheekii , laaptooppiiwwan fi meeshaaleen gara garaa waliin to’atamaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa

Comments (0)
Add Comment