Naannoo Harariitti namoonni dhuunfaan meeshaa waraanaa qaban akka galmeessan waamichi dhiyaate

Finfinnee, Onkololeessa 24, 2014 (FBC) – Biiroon Bulchiinsaa fi Nageenya Naannoo Hararii haala yeroo biyyaa ilaalchisuun miidiyaaleef ibsa kenneera. 
Hogganaan Biiroo Bulchiinsaa fi Nageenya Naannoo Hararii obbo Xilahuun Waadaraa, Uummanni Naannichaa Qaamolee Nageenyaa waliin qindoomuun Nageenyaa isaa eeggachuu akka qabu waamicha dhiyeessaniiru.
Gareen Shororkeessaa ABUT Baandota keessaa fi Alaa waliin ta’uun jijjiirama akka biyyaatti dhufe gufachiisuu fi biyya diiguuf hojjachaa jiraachuu himaniiru.
Jiraattoonni naannichaa namoota fuula haaraa yoo argan qaamolee Nageenyaatiif eeruu kennuu akka qaban dubbataniiru.
Qaamoleen Nageenyaa yeroo kamuu caalaa cimanii hojjachuu akka qabanis dhaamaniiru.
Dargaggoonni akkuma kanaan duraa gooticha Raayyaa Ittisa Biyyaatti makamuu fi nageenya naannoo eeguu keessatti ga’ee isaanii ba’uu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.
Jiraattoonni naannichaa meeshaalee waraanaa dhuunfaa galmeessisuun naannoo isaanii eeguu akka qaban dhaamaniiru.
Tokkummaan yoo hojjenne yeroo gabaabaa keessatti awwaala Juuntaa ni raawwanna jedhan obbo Xilahuun.
Naannoo keessaan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment