Naannoo Harariitti nageenyi jiru hojiileen misoomaa sirnaan akka hojjetaman haala mijataa uumeera -Obbo Ordiin Badrii

Finfinnee, Waxabajjii 12, 2016 (FBC)-Nageenyi fi tasgabbiin naannoo Hararii jiru hojiileen misoomaa, hawaasummaa fi diinagdee sirnaan akka hojjetamaniif haala mijataa uumuu Pireezdaantiin Mootummaa Naannoo Hararii Obbo Ordiin Badrii ibsan.
Obbo Ordiin Badrii sochii eegumsa nageenyaa naannichaa daawwataniiru.
Daawwannicharratti hawaasa naannichaa abbaa nageenyaa taasisuun hojiilee hojjetamaniin yakka hir’isuu qofa osoo hintaane, nageenyi waaraan akka mirkanaa’uuf bu’uuraa ta’uu himan.
Hojiilee nageenya naannichaaf hawaasa hirmaachiseen hojiin hojjatame, tokkummaa ummataa cimsuun hawaasni abbaa nageenyaa taasisuu bira darbee dhaabbiilee haqaarratti hojiilee baay’atan akka salphatan gumaacheera jedhan.
Waldhabdees marii fi nagaadhaan akka furamu taasisuu ibsaniiru.
Gurmaa’insa caasaa nageenyaa irratti hojiilee hojjetameenis nageenyi naannichaa waaressuu fi hojiilee gama hawaasummaa fi diinagdeetiin akka hojjatamuuf haala mijjataa uumuu kaasaniiru.
Duudhaalee gaarii fi Nageenyaa naannichatti mul’achaa jiru itti fufsiisuuf xiyyeeffannoon kan hojjetaman ta’uu eeruun, qaamooleen nageenyaa naannichaa itti gaafatama isaanii walabummaan taasiseera jedhaniiru.
Nageenya naannichaa eeguu fi itti fufsiisuun naannolee ollaa fi dhaabbilee nageenya federaalaa waliin qindoominaan hojjetamaa akka jiruus ibsuu ragaan kominikeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo mara waan nu waliin taataniif isin galateeffanna
Comments (0)
Add Comment