Naannoo Harariitti maqaa invastimantiin lafa fudhatanii kanneen hinmisoomsine irratti tarkaanfiin akka fudhatamu kallattiin kenname

Finfinnee, Waxabajjii 29, 2014 (FBC)- Naannoo Harariitti maqaa invastimantiin lafa fudhatanii qaamolee hinmisoomsine irratti tarkaanfiin hatattamaa akka fudhatamu Kaabineen Naannoo Hararii kallattii kenneera.

Manni Maree Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Hararii raawwii karoora bara 2014 fi karoora xiyyeeffannoo 2015 waajjiraalee seektaraa irratti mari’ateera.

Pirezidaantiin Naannoo Hararii Obbo Ordiin Badirii marichaan qaamolee maqaa invastimantiin lafa fudhtanii hinmisoomsinerratti tarkaanfiin hatattamaa akka fudhatamu kallattiin kaa’amuu ibsaniiru.

Bara baajataa kanatti hojiileen fayyadamummaa ummataa mirkaneessan bal’aan gaggeefamuu eeruun, kunis cimee akka itti fufu ibsaniiru.

Rakkooleen kenniinsa tajaajilaas akka hafuu fi ummanni naannichaa tajaajila barbaachisaa akka argatuuf xiyyeeffannaan hojjetamuu akka qabu himanuu ragaan kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa..

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment