Naannoo Harariitti manneen jireenyaa waliinii harka qaleeyyii haaromsame eebbifame

Finfinnee, Amajjii 22, 2013 (FBC) – Naannoo Harariitti prookettiin manneen jireenyaa waliinii harka qaleeyyii haaromsame har’a eebbifame.

Naannichaatti manneen jireenyaa kanneen baasii birrii miiliyoona 3.5 haaroomsa taasiisuun guyyaa har’aa eebbifameera.

Proojektich eebbisuun kan banan Preezdaantiin naannoo Hararii obbo Oordii Badiriin,namoota harka qalleeyyii fayyadamoo taasiisuuf  xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Manneen jireenyaa waliinii kana dura mana hiyyeessaa jedhamuun beekkamu har’aan booda mana nageenyaa fi jaalalaa t’auun moggafamuu obbo Oordii Badiriin himaniiru.

Jiraattoota manneen kana keessa jiraataniif carraa hojii uumuuf kan hojjetamu ta’uus dubbataniiru.

Sirna eebbichaarratti Preezdaantii naannoo Hararii obbo Oordii Badirii fi itti aantuu Preezdaantii naannichaa aadde Miisiraa Abdallaa dabalatee hoggantoonni olaanoon naannichaa argamaniiru.

Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;

Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.

Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa

Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna!

Comments (0)
Add Comment