Naannoo Harariitti hojiilee nageenyaa hojjetamaa turan ilaalchisee hawaasa waliin mari’atame

Finfinnee, Waxabajjii 1, 2013 (FBC) – Naannoo Harariitti hojiilee nageenyaa waaraa buusuuf hojjetamaa turan ilaalchisee hawaasa waliin mari’atamuu Biiroon Bulchiinsaa fi nageenyaa naannichaa beeksiseera.
Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Harariitti Biiroon Bulchiinsaa fi Nageenyaa hojiilee nageenyaa naannicha keessatti ji’oota afuriif hojjatamaa turan irratti hawaasa waliin mari’ateera.
Nageenyi waa hunda caalaa murteessaa ta’uu kan ibsa hogganaan Biiroo Bulchiinsaa fi Nageenyaa Naannoo Hararii obbo Naasir Yuuyyaan,nageenyaa fi tasgabbii naannichaa mirkaneessuuf qaamolee gumaacha olaanaa taasiisan galateeffataniiru.
Nagaanya waaraa mirkaneessuun badhaadhina biyyaaf murteessaa ta’uu kaasaniiru.
Naannichatti nageenya waaraa fiduuf hawaasni ga’ee olaanaa qabaachuu eeruun, hojiilee nageenyaa hojjetaman jiran cimsuuf hawaasni tumsa akka taasiisu dhaamaniiru.
Nageenyi hin jiru taanaan akka biyyoota somaaliyaa, Liibiyaa fi Siiriyaa faffaca’utu dhufa kan jedhan Af-yaa’iin Mana Maree Bulchiinsa mootummaa naannoo Hararii aadde Addiselam Bezabeh, hawaasni nagaa harka isaa jiru jabeeffachuu qaba jedhaniiru.
Keessattuu guutiinsa bishaanii marsaa 2ffaaf qophii taasifamaa jiruu fi Filannoo biyyaalessaa marsaa 6ffaa karaa nagaan milkeessuuf ummanni biyyattii tumsa irraa eeggamu akka taasiisan gaafataniiru.
Naannichatti Aanaalee fi qaamolee garaagaraa dhimma Nageenyaa irratti hojiilee boonsaa hojjataa turaniif badhaasnii fi beekamtiin laatameeraa.
Nageessoo Kadirtu gabaase.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment