Naannoo Harariitti hojiilee damee fayyaatiin hojjetamaa jiran cimsuu barbaachisa- Dooktar Liyaa Taaddasaa

Finfinnee, Gurraandhala 19, 2014 (FBC) – Naannoo Harariitti hojiilee damee fayyaatiin hojjetamaa jiran cimsuun kan barbaachisu ta’uu Ministirri Ministeera Fayyaa  Dooktar Liyaa Taaddasaa ibsan.

Dooktar Liyaan Ittaantuu Preezdaantii naannoo Hararii aadde Miisraa Abdallaa waliin ta’uun Biiroo Eegumsa Fayyaa naannichaatti Giddugala qindeessaa fi to’annoo balaa fi buufata fayyaa Awubarkallee daawwataniiru.

Tattaaffii giddugalichi weerara dhibeewwanii ittisuu fi to’achuurratti akkasumas duub-deebii hatattamaa kennuuf  taasisu daawwachuu eeraniiru.

Keessumaa hojiilee jajjabeessoon hawaasa balaarraa ittisuuf hojjetamaa jiran daran cimsuuf hojiilee qindoominaa guddisuun kan barbaachisu ta’uu ibsaniiru.

Hojiilee damee fayyaan hojjetamaa jiran daran cimsuun barbaachisaa ta’uu kaasuun ministeerichis deeggarsa hojiilee hojjetamaa jiraniif taasisu kan guddisu ta’uu mirkaneessaniiru.

Aadde Miisraan gamasaaniin odeeffannoo sirrii fi quluqulluu qabaachuun hojiilee  tajaajila fayyaa waliin ga’uuf hojjetamaa jiran itti fufsiisuun kan barbaachisu ta’uu eeraniiru.

Hojiilee hojjetamaa jiran irratti qaamoleen dhimmamtoonni qindoominaan hojjechuu akka qaban kaasaniiru.

Naannichatti damee fayyaan jijjiiramni qabatamaan akka galmaa’uuf qaamolee ga’eesaanii ba’achaa jiran galateeffachuu ragaan  Biiroo Kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa :-  Haa Misoomsinu,  Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment