Naannoo Harariitti hoggantoota itti gaafatamummaa isaanii sirnaan hin baane 60 irratti tarkaanfiin fudhatame

Finfinnee, Eebila 1, 2014 (FBC) – Naannoo Harariitti hoggantoota itti gaafatamummaa isaanii sirnaan hin baane 60 irratti tarkaanfiin fudhatamuu Waajjirri Paartii Badhaadhinaa naannichaa beeksiise.
Tarkaanfiin eegalame cimee kan itti fufu ta’uu paartichi ibseera.
Tarkaanfiin hoggantoota kanneenirratti fudhatame gaaffii ummataa deebisuuf ta’uu itti gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa naannoo Hararii obbo Abduujabbaar ibsaniiru.
Hoggantoonni 22 hoggansarraa kaafamuu, 10 ammoo sadarkaan isaanii gadi bu’uu fi kanneen hafaniif of eeggannoon laatamuu itti gaafatamaan damee ijaarsaa Paartichaa obbo Jafaar Suufiyaan dubbataniiru.
Sadarkaa barumsaa fi ga’umsa hojii bu’uura taasiisuun hoggantoonni haaraan muudamuu eeraniiru.
Hoggantoonni haaraan muudaman gara hojiitti akka seenaan guyyaa har’aa qajeelfamni hojii kennamuu ragaan Biiroo Kominikeeshinii naannichaarraa argame ni muul’isa.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment