Finfinnee, Hagayya 27, 2013 (FBC) – Naannoo Harariitti Filannoo biyyaalessaa marsaa 6ffaa gaggeeffamuuf hawaasni hirmaannaa hoo’aa akka taasiisu Preezdaantiin naannichaa obbo Oordiin Badiriin waamicha dhiyeessan.
Ityoophiyaatti sirni Diimookirasii akka dagaaguuf hirmaannaan ummataa murteessaa ta’uu ibsaniiru.
Filannoo biyyaalessaa marsaa 6ffaan haqa qabeessa, diimookiraatawaa fi bilisaa akka ta’uuf mootummaan naannichaa murannoo kan hojjetu ta’uu eeraniiru.
Aanaaleen kana dura kaardii filannoo fudhachuun filannoon osoo hin gaggeeffiman hafan kaardichi tajaajila waan hin laanneef jiraattoonni buufata filannoo deemuun kaardii fudhachuu akka qaban ibsameera.
Dhalattoonni naannichaa naannoolee biroo keessaa jiraatan buufataalee filannoon itti gaggeeffamu naannoo Oromiyaa Adaamaa, Ciroo, Kombolchaa, Gursum, Faadis, Dadarii fi Haramayaa, magaalaa Finfinnee, Dirree Dawaa fi naannoo Somaalee magaalaa Jigjigaa keessa jiran kaardii fudhachuun mirga dimookiraasii qabanitti akka fayyadaman obbo Oordiin gaafachuu ragaan Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii naannoo Harariirraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.