Naannoo Harariitti fayyadamtummaa ummataa mirkaneessuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira – Obbo Ordiin Badrii

Finfinnee, Caamsaa 11, 2016 (FBC) – Naannoo Harariitti bu’aalee gaggaarii argaman itti fufsiisuun hanqinoota jiran sirreessuun fayyadamtummaa ummataa mirkaneessuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu pireezidaantiin naannichaa Obbo Ordiin Badriin ibsan.

Kallattiilee hojii ijoo Ji’oota fuulduraa naannichatti hojjetaman ilaalchisee ibsa kannaniin roga hundaan hojiiwwan jajjabeessaa hojjetamaa jiran itti fufsiisuu fi qaawa jiru sirreessuuf kutannoon hojjachuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.

Dhaabbiilee cimoo, bilisaa fi walaba tahan ijaaruun bulchiinsa gaarii fi tajaajila fooyyee ummataaf kannuuf xiyyeeffannoon ni hojjetama jedhan.

Gama piroojektootaatiin hojii qulqullinaa fi saffisaan xumuruun hojiiwwan jajjabeessaan baatiwwan darban keessa hojjetaman cimsuuf hojjechuun barbaachisaa ta’uu eeraniiru.

Hojiilee maaddii guutuu, qonna magaalaa fi oomishaa fi omishtummaa qonnaa guddisuuf hojjetamaa jiran irratti xiyyeeffannoo guddaan kennamuu akka qabu hubachiisaniiru.

Dabalataaniis ijaarsa seeraan alaa fi saamicha lafaa ittisuuf hojiin olaantummaa seeraa mirkaneessuu qindoominaan kan hojjetamu ta’uu kaasaniiru.

Invastimantii naannichaa kakaasuu fi qabeenya albuudaa jiran sirnaan hogganuuf hojii eegalame cimsinee itti fufna jedhaniiru.

Hojiilee qulqullinaa fi miidhagina magaalaa eeguu cimsuu fi iddoowwan daandii moggaa imaltoota miilaaf akka mijjatu taasisuuf xiyyeeffannoon ni hojjetama jedhan.

Kenniinsa tajaajilaa fi rakkoo bulchiinsa gaarii hawaasni kaasu hiikuu fi hojimaata badaa sirreessuun kenniinsa tajaajilaa fooyyessuuf tattaaffiin kan taasifamu ta’uu himaniiru.

Rakkoo mana jireenyaa hawaasichaa furuuf hojiin qorannoon deeggaramee akka hojjetamu ibsuun qaala’iinsa jireenyaa hir’isuuf hojiin hojjetamaa jiru cimee kan itti fufu tahuu ibsaniiru.

Obbolummaa sabdaneessaa fi tokkummaa cimsuun nageenya naannichaa eeguuf ciminaan kan hojjatamu ta’uu kaasaniiru.

Guyyaan harar idil addunyaa 26ffaa bara kana magaalaa Hararitti kabajamu milkaa’inaan akka kabajamuuf kan hojjatamu tahuu himuu ragaan BK naannicharraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment