Naannoo Harariitti dhaabbanni Tajaajila Qalmaa ammayyaa birrii miiliyoona 77 ijaarrame eebbifame

Finfinnee, Hagayya 12, 2013 (FBC) –Naannoo Hararii aanaa Soofiitti dhaabbanni Tajaajila Qalmaa Ammayyaa Birrii miiliyoona 77 ijaarrame eebbifameera.
Saganticharratti Ministirri Ministeera Misooma Magaalaa fi Konistiraakshinii Injiinara Ayishaa Mahaammadii fi Preezdaantiin naannoo Hararii obbo Oordiin Badirii argamaniiru.
Ministeerichi sagantaa babal’inaa fi dandeettii magaalotaa guddisuun magaaloota 117 keessatti hojiilee misoomaa hojjechaa jiraachuu Injiinar Ayishaan kaasaniiru.
Magaalaa Seenaa qabeetti Harar keessatti rakkoo iddoo qalmaan walqabatee ture furuuf Tajaajilli Qalmaa Ammaayyaa ta’e ijaarramuu isaa dubbataniiru.
Rakkoolee bu’uuraa ummata naannichaa furuuf bu’uuraalee harka qalleeyyiirratti xiyyeeffate babal’isuun hojjetamaa jiraachuu Preezdaantiin Naannoo Hararii obbo Oordiin Badirii ibsaniiru.
Iddoon Qalmaa kun sa’aatii tokko Horii 40, Guyyaatti ammoo Horii 980 tajaajila qalmaa raawwachuu danda’a jedhan.
Tashoomaa Hayiluutu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment