Naannoo Harariitti dambiin daballii gatii kiraa manaa dhorkuuf ba’e baatii sadiif dheerate

Finfinnee, Mudde 3, 2015 (FBC) – Naannoo Harariitti dambiin daballii gatii kiraa mana jireenyaa dhorkuuf ba’e baatii sadiif dheerateera.

Naannichatti dambiin daballii gatii kiraa mana jireenyaa fi kireeffattoota baasuu dhorkuuf ba’e baatiwwan sadan itti aananiif dheerachuu ibsameera.

Dambiin kun baatiwwan sadan darbaniif akka dheeratu murtaa’uun kan yaadatamuudha.

Ammas lammiilee dhiibbaa garaagaraarraa baraaruuf jecha dambiin kun baatiwwan sadan itti aananiif akka dheeratu kaabineen naannichaa murteesseera.

Haaluma kanaan baatiwwan sadan itti aananiif gatii kiraa mana jireenyaa dabaluu fi kireeffataa fedhii isaan ala baasuun dhorkaa ta’uu Manni Maree Bulchiinsaa naannichaa beeksiseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment