Finfinnee, Caamsaa 25, 2013 (FBC) – Naannoo Harariitti bara kana biqiltuuwwan miiliyoona 3 dhaabuuf qophiin xummuramuu Biiroon Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa beeksiise.
Baatii Waxabajjii 2013 eegalee sagantaa misooma Ashaaraa magariisaa eegaluuf qophiin xummuramuu itti aantuun Preezdaantii fi hoggantuun Biiroo Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa naannoo Hararii aadde Miisiraa Abdallaa ibsaniiru.
Hanga ammaatti boolli biqiltuu kumni dhibbi 5 ol qophaa’uu eeraniiru.
Biqiltuuwwan waggoottaan darban biqiltuu dhaabbatan keessa % 72 latuu aadde Miisiraan himaniiru.
Naannichatti guyyaa tokkotti biqiltuuwwan kuma dhibba 3 fi kuma 50 dhaabuuf qophiin xummuramuu himameera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.