Naannoo Harariitti bara baajataa 2014 galiin Birriin biiliyoonni 1.1 ol walitti qabamuu ibsame

Finfinnee, Adoolessa 4, 2014 (FBC) – Naannoo Harariitti bara baajataa 2014 galiin Birriin biiliyoonni 1.1 ol walitti qabamuu Biiroon Galiiwwanii naannichaa beeksiseera.
Fayyadamummaa ummataa mirkaneessuuf piroojektoonni karoorfaman akka dhugoomaniif galii sirnaan walitti qabuun murteessaa ta’uu eerameera.
Bara baajataa xumurame kanattis mootummaan naannichaa galii walitti qabuurratti hirmaannaa olaanaa taasiisaa turuu Hogganaan Biiroo Galiiwwanii naannoo Hararii Obbo Baqqalaa Tamasgeen ibsaniiru.
Bara 2014 akka naannichatti galii Birrii biiliyoona 1 fi miiliyoona 64 walitti qabuuf karoorfamee Birrii biiliyoona 1.1 ol walitti qabuun danda’amuu eeraniiru.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment