Naannoo Harariitt duulli qulqullinaa gaggeeffame

Finfinnee, Sadaasa 12, 2014 (FBC) – Naannoo Harariitti duulli qulqullinaa dhaadannoo “Naannoo keenya balfarraa biyya keenya garee shoorarkeessaa ABUT fi Shanee irraa ni qulqulleessina “jedhuun gaggeefameera.

Sagantaa Kanarratti Preezdaantii Naannoo Hararii obbo Oordiin Badrii,itti aantuu Preezdaantiin naannichaa Aadde Misiraa Abdallaa fi Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Naannoo Hararii obbo Abdujabbaar Mahammad dabalatee hoggattoonni mootummaa naannichaa hirmaataniiru.

Qormaata yeroo ammaa biyya muudate nageenya naannoo keenyaa eeguun tokkummaan irra aanuu qabna jedhan Preezdaantiin Naannoo Hararii obbo Oordiin Badriin.

Duula birmadummaa biyyaa milkeessuu cinaatti hojiilee misoomaa fi bulchiinsa gaarii lafa qabsiisuuf ni hojjetama jedhan.

Magaalaa Hararii miidhaagduu, hawwattuu fi jireenyaaf mijooftuu taate taasiisuun barbaachisaa ta’uu ibsuun isaanii ragaan Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa naannichaarraa argame ni muul’isa.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment