Finfinnee, Sadaasa 28, 2014 (FBC) – Naannoo Harariitti Miseensonni humna eeggataa nageenya naannoo eeganii eebbifamaniiru.
Miseensonni kunneen mata duree “ Ani naannoo koof poolisii fi waardiyyaadha” jedhuun guyyoota 15’f leenjii fudhachaa turuun eebbifamuu ibsameera.
Eebbifamtoonni kunneen Sochii ga’umsa qaamaan, meeshaa hiikuu fi hidhuun akkasumas dhimmoota yeroo biyyaalessaarratti leenjii fudhachuu eerameera.
Yeroo injifannoon boonsaan garee shororkeessaa ABUT fi Shaneerratti galmaa’aa jirutti eebbifamuun isaanii sirna eebbichaa adda godha jedhan hogganaan waajjira Paartii Badhaadhinaa naannoo Hararii obbo Abduljabbaar Mahaammad.
Eebbifamtoonni kunneen nageenya naannoo isaanii eegsisuun kaayyoo badii gareewwan ABUT fi Shanee fashaleessuu akka qaban yaadachiisaniiru.
Tashoomaa Hayiluutu gabaase.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.