Naannoo Gambeellaatti shirri badii garee ABUT tiin raawwatamuuf karoorfamee ture fashalaa’e

Finfinnee, Sadaasa 17, 2013 (FBC) – Naannoo Gambeellaatti shirri garee badii ABUTtiin raawwatamuuf karoorfamee ture tattaaffii ummataa fi qaamolee nageenyaan fashalaa’uu Preezdaantiin naannichaa Umood Ujuluun beeksisan.

Cancala shira badii garichi naannicha keessatti diriirsee ture kutuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu ibsameera.

Karoorri shira badii gareen ABUT naannicha keessatti raawwachuuf ture hordoffii qaamolee nageenyaan taasiifameen dursanii fashaleessuun danda’amuu Umood Ujuluun ibsaniiru.

Ergamtoonni shira badii kana raawwachuuf socho’aa turan hedduun too’annoo jala ooluu himaniiru.

Miseensoonni garichaa daangaa ce’uun miliquuf imalaa turan too’atamus himaniiru.

Namoonni dhuunfaa garee kana daandii qajeelchuun akka miliqaniif haala mijeessaa turan 3 too’annoo jala ooluu himaniiru.

Shira garee kanaa hanga dhumaatti fashaleessuuf ummanni naannichaa hojii olaantummaa seeraa mirkaneessuu hojjetamaa jiru cimsee deeggaruu akka qabu Preezdaantichi ergaa dhaamaniiru.

Naannichatti namoonni dhuunfaan garee finxaaleyyii ABUT fi ABO shanee waliin hariiroo qabaachuun shakkaman 65 too’annoo jala ooluu isaanii kan yaadatamuudha.

Maddi:-TOI

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo

https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

Comments (0)
Add Comment