Naannoo Gambeellaatti Proojaktiin jireenya naannoo Gammoojjii fooyyessu ifoome

Finfinnee,Waxabajjii 17, 2012 (FBC – Naannoo Gambeellaatti Proojaktiin jireenya naannoo Gammoojjii fooyyessu ifoome.
Naannichatti proojektiin jireenyaa naannoo Gammoojjii fooyyeessu Doolara miiliyoona dhibba 4 fi kuma 50 hojiirra oolu ifoomeera.
 
Proojektichi fedhii misoomaa hawaasa naannichaa milkeessuu kan danda’u ta’uu Preezdaantiin naannicha obbo Umood Ujuluun ibsaniiru.
 
Waggoottaan darbanitti hojiileen misoomaa hedduun hojjetamanis jireenyi ummata naannichaa sadarkaa gadi aanaa keessa jiraachuu ibsaniiru.
 
Fayyadamummaa ummataa mirkaneessuuf akkatuma mootummaan kallattii kaa’een naannoo Gaambeellaatti tattaaffii hedduun taasifamaaa jiraachuu Preezdaanti Umood Ujuluun dubbataniiru.
 
Hojiilee hojjetamaa jiran keessaa kan Ministeerri Nageenyaa Gaambeellaa dabalatee naannoolee 6 keessatti jireenya naannoo gammoojjii fooyyeessuuf hojjetaa jiru isa tokko jedhan.
 
Proojektiin kun aanaalee naannichaa 8 keessatti hojiirra kan oolu ta’uu ibsaniiru.
 
Galma ga’iinsa Proojektii kanaaf qaamni hundi ga’ee isaa ba’uu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.
 
Proojekticha %50 dubartoota, %20 dargaggootarratti kan hojjetu ta’uu ragaan Seekreetariyaat Preesii naannichaarra argame ni muul’isa.
 
Proojektiin naannoo Gaambeellaatti jireenya naannoo Gammoojjii fooyyessuuf hojiira oolu kun waggoota 6 keessatti Doolara miiliyoona dhibba 4 fi kuma 50 kan hojjetamu ta’uu Ministeera nageenyaatti qindeessan Proojektichaa naannoo Gaambeellaa Dooktar Biiyal Biichook ibsaniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment