Naannoo Gambeellaatti hoggantoonni 5 itti gaafatamumaarraa kaafaman

Finfinnee, Adoolessa 16, 2014 (FBC)- Naannoo Gambeellaatti gamaaggama mootummaa fi paartii guyyoota shaniif gaggeeffamaa tureen hoggantoonni 5 itti gaafatamumaa isaaniirraa akka kaafaman taasifamuu Pirezidaantiin naannichaa Obbo Umud Ujuluun ibsan.

Kaabineen naannichaa walga’ii ariifachiisaa gaggeessaa kan jiru yoo ta’u, ajandaalee 10 irratti mari’achuun murtoo ni dabarsa jedhameetu eegama.

Gabaasa raawwii hojii bara 2014 fi karoora bara 2015 irrattis mariin kan gaggeeffamu ta’uu ibsameera.

Gama biraan gamaaggama mootummaa fi paartii guyyoottan shaniif gaggeeffameen hoggantoonni 5 itti gaafatamummaa isaaniirraa akka ka’an taasifamuu pirezidaantiin naannichaa obbo Umud Ujuluun dubbataniiru.

Hoggantoonni kunneen itti gaafatamummaa isaaniirraa kan kaafaman faayidaa uummataarra faayidaa dhuunfaa isaanii waan dursaniifi sababa hoji maata badaan ta’uu eeraniiru.

Yeroo itti aanuttis gamaaggamichi godiinaalee fi aanaaleetti kan gaggeeffamu ta’uu eeruun, tarkaanfiin sirreeffamaa walfakkaataan kan fudhatamu ta’uu ibsuu ragaan kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment