Finfinnee, Hagayya 7, 2013 (FBC) –Naannoo Gaambeellaatti guyyoota sadan darban sochii taasiifameen shakkamtoonni 93 to’annoo jala ooluu Biiroon Bulchiinsaa fi Nageenyaa naannichaa beeksiiseera.
Harcaatoonni garee Shororkeessaa ABUT gara naannichaa akka hin galle Tajaajila Nageenyaa fi Odeeffaannoo Biyyaalessaa, Poolisiin Federaalaa fi naannoo Gaambeellaa waliin hojii nageenya kabachiisuu hojjechaa jiraachuu Hogganaan Biiroo Bulchiinsaa fi Nageenyaa naannichaa obbo Toomaas Tuut ibsaniiru.
Magaalaa Gaambeellaa, Waantaawaarii fi Balaareetti shakkamtoonni 93 too’atamuu dubbataniiru.
Dabalataan Birrii kumni dhibbi 7, Paanwundiin Sudaan Kibbaa kumni 2 fi 300 fi Shilingiin Somaaliyaa too’atamuu eeraniiru.
Maddi:-TOI
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.