Naannoo Gaambeellaatti Rooba cimaa bubbee makate roobeen namaa fi qabeenyarra miidhaan qaqqabe

Finfinnee, Bitootessa 11, 2013 (FBC) – Naannoo Gaambeellaa aanaalee sadi keessatti Rooba cimaa bubbee makate roobeen namaa fi qabeenyarra miidhaan qaqqabuu ibsameera.

Naannichaatti Rooba cimaa bubbee makate roobeen lubbuun nama tokkoo darbuu fi qabeenyarra miidhaa guddaan qaqqabuu Ejansiin Ittisa Balaa fi Wabii Nyaataa naannoo Gambeellaa beeksiiseera.

Manneen jireenyaa 180 fi dhaabbilee mootummaarra miidhaan qaqqabeera.

Abbootiin warraa kuma 1 fi 360 rakkoof saaxilamaniiru.

Preezdaantiin naannoo Gaambeellaa obbo Umood Ujuuluun iddoolee miidhaan qaqqabe kanneen daawwataniiru.

Roobni waktiisaa hin eegganne roobuun miidhaa cimaa jiraattoota aanaalee kanneenirra qaqqabsiisuu dubbataniiru.

Lammiilee qa’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’an kanneeniif deeggarsi barbaachisu kan taasiifamu ta’uu ibsaniiru.

Maddi:- TOI

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment