Naannoo Gaambeellaatti Proojektiin misooma jallisii qonnaan bultoota kuma 1 fi 48 ol fayyadamoo taasiisu eegalame

Finfinnee, Muddee 4, 2014 (FBC) – Naannoo Gaambeellaatti garee shororkeessaa ABUT fi ergamtoota isaanii dhabamsiisuu cinaatti hojiilee misoomaatiif xiyyeeffannaan kennamee hojjetamaa jiraachuu Preezdaantiin naannichaa obbo Umood Ujuluun ibsaniiru.
Proojektiin misooma jallisii Misooma xixiqqaan baajata deeggarsa deebii dhiibbaa Baqattoota Gaanfa Afrikaa irraa argameen ijaaramaniif dhagaan bu’uuraa kaa’ameera.
Proojektoonni kunneen Ileey – Ichawaay, Baaziiyalii fi Achuuwaahaatti kan ijaarraman ta’uu ibsameera.
Qonnaan bultoonni waggaatti si’a lamaa fi isaa ol oomishuun wabii midhaan nyaataa sadarkaa nama dhuunfatti mirkaneessuuf hojjetamuu akka qabu Preezdaantiin naannoo Gaambeellaa obbo Umood Ujuluun ibsaniiru.
Ijaarsi proojektoota kanneenii yeroo kaa’ameef keessatti xumuramuun tajaajilaaf ooluu akka qaban hubachiisaniiru.
Ijaarsi proojektoota kanneenii waayita xumuraman Lafa hektaara 262 misoomsuu kan danda’anii fi qonnaan bultoota kuma 1 fi 48 kallattiin fayyadamoo kan taasiisu ta’uu Hogganaan Biiroo Qonnaa naannichaa obbo Ajaak Uchaalaan himaniiru.
Proojektoonni kunneen Birrii miiliyoona dhibba 2 fi miiliyoona 42 fi kuma dhibba 9 oliin kan ijaarraman ta’u ragaan Seekreetariyaat Preesii naannichaarraa argame ni muul’isa.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment