Naannoo Beenishaangul Gumuzitti sagantaan beeksisa “Dhangaalee misoomaa” gaggeeffame

Finfinnee, Sadaasa 12, 2015(FBC)- Naannoo Beenishaangul Gumuzitti sagantaan beeksisa “Maaddii Madaallawaa” gaggeeffameera.

Saganticharratti   Ministira  Ministeera Jallisiifi Naannawaa Gammoojjii Injinar Ayishaa Mahammad,Ministira Ministeera Qonnaa Obbo Umar Huseen , Pireezidaantii Naannichaa obbo Ashaadilii Hasan  dabalatee hoggantoonni Olaanoo Federaalaa fi naannichaa biroon argamaniiru.

Ministirri Ministeera Qonnaa Obbo Umar Huseen saganticharratti haasawaa taasisaniin, dhangaaleen misoomaa wabii nyaataa mirkanneessuuf ,daldala alaa guddisuufi carraa hojii dargaggootaaf uumuurratti kan xiyreeffatee ta’uu eeruun, kana milkeessuuf deeggarsi faayinaansii kan barbaachisu ta’uu ibsaniiru.

Obbo Ashaadilii Hasan gamasaaniin, qonnaan bultoota fayyadamoo paakeejjii  qonnaa taasisuufi hojiilee misoomaa jalqabaman dhugoomsuuf hundi gahee irraa eegamuu akka ba’atu gaafataniiru.

Saamu’eel Warqaayyootu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment